Taarifni tajaajila baasota addaa olaanaa ta’uun fayyadamtoota biratti gaaffii kaase.

0
345

Konkolaattonni baasii addaa tajaajila geejjiba uummataa kennan gatiin kaffalchiisan dabalata olaanaa agarsiisuu isaa imaltoonni Addis Maaledaatti ibsan.

Tajaajilamtoonni geejjiba baasii addaa Addis Maaledaan dubbiste gatiin baasichaaf kaffalamu madaalamaa miti jedhaniiru.

Sababa hojiitiin Arbaa-Minci irraa gara Finfinneetti kan deddeebi’anii fi dhimmicha irratti yaada kennan; daandii kiiloo meetira 436 imaluuf baasii addaatiin birrii 985; akkasumas baasii idileetiin immoo birrii 280 akka barbaachisu himaniiru. Sababa kanaaf baasii idileetti fayyadamuu akka filatan kan dubbatan tajaajilamaan kun; baasota tajaajila geejjibaa kennan kana lamaan gidduu garaagarummaan gatii akka jiraatu ifa yoo ta’es; hanga kana hunda ta’uun isa garuu akka isaan dhibe ibsaniiru.

Addis Maaledaan dhimmicha irratti kan dubbiste maqaa isaanii ibsuu kan hinbarbaanne hoogganaan hojii dhaabbata baasii addaa akka mirkaneessanitti; baasonni addaa taarifa gatii isaanii kan baasan ofii isaanii yoo ta’an; itti fayyadamtoota sirna deeggarsa boba’aa ta’uu hafuu isaanii akka sababaatti kaasuudhaan; taarifa tajaajila isaanii dhaabbileen kun ofuma isaaniitiin kan baasan ta’uu fi taarifa ministeerri gaajjibaa fi loojistiiksii baasuun konkolaattonni hinhojjenne sirna deeggarsa boba’aatti fayyadamuu waan hindandeenyeef jedhameera.

Baasonni addaa kun sirna deeggarsa boba’aa kanatti fayyadamuu hafuun isaanii taarifa kaffalchiisan baasota idilee tajaajila wal-fakkaataa kennan cinatti wayita ilaalamu akka ol-ka’u taasisuu isaa; kunis tajaajilamtoota geejjibichaa baay’ee kan mufachiise ta’uu imaltoonni Addis Maaledaan dubbiste ibsaniiru.

Dhimmicha irratti deebii kan kennan ministeera geejjibaa fi loojistiiksiitti hoogganaan dhimmoota geejjiba uummataa; konkolaattotaa fi konkolaachistootaa Kedilmaagist Ibiraahim akka jedhanutti; ministeerri isaanii taarifa tajaajila baasota addaa ni hordofa malee hintoo’atu jedhan.

Baasonni addaa bu’aadhaaf kan hundaa’an hanga ta’anitti taarifa baasan irratti too’annaan taasifamuu hinqabuu? jechuun gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin; baasonni adda akka hunda’an wayita hayyamametti baasonni kun buufataalee awutobuusii mootummaan qopheesse keessa utuu hinseenin kutaalee hawaasaa gatii giddugaleessaa qabu kan qaqqaban filannoo geejjibaa akka ta’anuuf yaadamee akka ta’e ibsaniiru. Baasonni kun wayita tajaajila kennuu jalqabanii kaasee hordoffii taarifaa malee too’annaan akka itti hintaasifamne kan ibsame yoo ta’u; kanaafis sababni isaa dhaabbileen kun wayita hundaa’an waliigalteen jedhu jiraachuu hafuu isaa ti jedhameera.

Kanaan wal-qabatees; dhaabbileen kun wayita huda’an buufataalee geejjibaa mootummaatti akka hinfayyadamne yoo ibsames; buufataalee konkolaataa Laambaratii fi Ayyeer – Xeenaa seenuun tajaajila kennuu isaanii ilaalchisuun gaaffii gaafatamaniif Kedilmaagist wayita deebisan; dhaabbilee kanaa wajjin maryachuun hordoffiif akka tolutti buufataalee konkolaataa mootummaatti akka fayyadaman taasifameera jedhaniiru.

Buufataalee konkolaataa kanaaf maallaqa akka kaffalan ibsanii; dhaabbileen kun gara fuula-duraatti buufata konkolaataa ofii isaanii ijaarrachuuf gaaffii lafaa akka qaban eeranii; gaaffiiwwan kun wayita deebi’an buufataaleen kun akka ijaaramanu beeksisaniiru.

Gaaffiiwwan taarifaa fi kanaan walqabsiisuun hawaasni kaase koreen ministeericha; dhaabbilee tajaajila baasii adda addaa kennan keessaa walitti baba’uun rakkoowwan damee kana keessa jiran furuuf hundaa’e akka ilaalu Kedilmaagist ibsaniiru. Kanumaan walqabatee dhaabbileen kun kaayyoo hundeeffamaniif waliin hojiin hojjetaa jiran madaalamee sirreeffamni akka taasifamu dubbataniiru.

Sirni deeggarsa boba’aa konkolaattota tajaajila geejjibaa taarifni isaanii mootummaadhaan bahuuf qofa haala fayyaduun Waxabajjii 29 bara 2014 irraa jalqabuun hojii irra akka jiru ni beekama.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here