Motummaa Naannoo Amaaraa naannoo Warra Iluutti albuudni boba’aa barmeelii biliyoona lama caalu argamuun isaa akka mirkanaa’e tibbana aangoo irraa kan ka’an Taakkalaa Umaa addoomsanii jiru.
Argamuun albuuda boba’aa kanaa guddina Itoophiyaatiif hiikkaa guddaa qaba kan jedhan Taakkalaan Mootummaan qabeenyi boba’aa kun hojii irra akka oolu dadaffiin hojjechaa akka jirus dabalanii ibsaanii jiru.
Kanaan dura Ministerri Albuudaa Naannoo Amaaraa Kibba wallootti albuuda boba’aa ofumaan lafa keessaa burqee gara alaatti dhangalaa’aa ture irratti Ministerri Albuudaa qorannoo irratti gaggeessaan jira jechuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Dayrektarri biiroo qabeenya albuudaa naannichaa Darajjee Asaffaa immoo qoranichi raawwatamaa kan jiru Yunivarsiitiiwwan naannichatti argaman waliin ta’uus ibsanii turan.
Haaluma wal fakkaatuun gareen qorannoo hundeeffame kun naannoowwan sulula Laga Abayaa fi Matammaattis qorannoo dhimma wal fakkaataa hojechuun mootummaaf yaada kan dhiyeessu ta’uus himamee jira.
Isa warra Iluu kana dabalatee Itoophiyaa keessaatti naanoowwan afur irratti qorannoon Albuuda boba’aa barbaachuu raawwatamaa jira kan jedhan Taakkalaan, kanaan dura nannoo Warra Iluutti barbaacha albuuda kanaa raawwachuuf dhaabbanni eeyyamni kennameefii ture hanqina gahinsaatiin hoojicha addaan kutuu eeranii jiru.
Waggaa lama dura Ministerri Albuudaa Mootummaa Naannoo Somaaleetti naannowwan Kaaluub fi Hilaalaa Jedhamanitti gaaziin uumamaa baayyinni isaa biyyoota qabeenya kaanaan beekaman hedduu isaanii caalu argamuun ni yaadatama.