Gamtaan Awuroppaa Dhimma Itoophiyaa irratti Mariachuufi 

0
791

Biiroo dhimmoota alaa Gamtaa Awurooppaatti Amajii 15/2015 yaa’ii Ministeroota dhimma Alaa Biyyoota Awurooppaa gidduutti taasifamu irratti dhimmi Itoophiyaa mat-duree tokko ta’ee akka dhiyaatu ibsame.

Dhimma kana kan gabaase weeb sayitiin Afrikaan Intalajns akka jedhutti ministeroota Biyyoota Awurooppaa 27 ta’anitu Beljiyeem Birasalsitti dhimma Itoophiyaa irratti mari’ata. Xiyyeeffannoon Marii kanaas waliigaltee Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay gidduutti raawwatame yoo ta’u adda dureen immoo haala waliigaltichi ittiin raawachiifamaa jiru gadi fageenyaan ilaaluudha jedhame.

Marii kana booda gamtaan Awurooppaa gargaarsa qarshii miliyoona Yuroodhan lakkaawamu dangessee ture Itoophiyaaf gadhiisuu danda’as jedhaemeera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti wagga lamaa ol lakkoofsise erga muudatee booda Itoophiyaan keessattuu warra Awurooppaa irraa dhiibbaa karaa gargaarsa adda addaa kutuu fi dipilomaasiin qeequu hedduutu irra gahaa ture. Haalli kun walitti dhufeenya biyyattiin Ameerikaa wajjiin qabdu illee akkasuma qoree ture.

Haa ta’u malee Onkololeessa 23 Mootummaan Federaalaa fi Addi Bilisummaa Ummata Tigray Afrikaa Kibbaa Piritooriyaattti erga waliigaltee mallatteessanii booda walitti dhufeenyi Itoophiyaan Biyyoota Awuroppaa fi Ameerikaa waliin qabdu dhawaatuma fooyya’aa dhufuu isaaf mallattooleen mul’achaa jiru. Fooyya’insi kun ammas cimee akka itti fufu eegama.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here