መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiRagaan mirkaneessa ogummaa ogeeyyota hogbarruu seeraan deeggaramuun hojii irra ooluuf akka ta’e...

Ragaan mirkaneessa ogummaa ogeeyyota hogbarruu seeraan deeggaramuun hojii irra ooluuf akka ta’e dhaga’ame

  • Maqaa ogummaatiin akka fedhanitti fayyadamuun ni hafa jedhameera

Itoophiyaatti ragaan ogummaa dhaabbilee hog-barruu fi sirni ragaa ogeeyyii hogbarruu mirkaneessu inni jalqabaa eegalamuuf akka ta’e ministeerri aadaa fi ispoortii Addis Maaledaatti ibse.

Kanaanis dhaabbilee damee ogummaa hogbarruutiin leenjisan gahumsa isaanii mirkaneessuun isa jalqabaa yoo ta’u; dhaabbilee ogummaa hogbarruu 11 keessatti sirna mirkaneessa ogummaa jalqabsiisuuf seerri qopha’aa jiraachuu ministeerichi beeksiseera. Mirkaneessuun dhaabbilee ogummaa hojii irra akka ooleen; sirni ogummaa ogeeyyii mirkaneessuu gara hojiitti akka seenu ibsameera.

Dhaabbileen gahumsi ogummaa mirkanaa’uf muuziqaa, fakkii, tiyaatira, fiilmii, bobboca, komadii, faashiinii fi moodeelummaa, DJ, barreeffama, sarkasii fi shubbisa ta’uun himameera.

Ministeera aadaa fi ispoortiitti ministir-deetaan misooma hogbarruu fi kalaqaa Nafiisaa Al Mahaadii; ogeessi utuu hinjiraatin dura dhaabbanni jiraachuu qaba jechuun Addis Maaledaatti himaniiru. Ogeeyyii hogbarruu leenjisuuf dhaabbatichi gahaadhaayii jechuuf hojiin mirkaneessuu dursee akka hojjetamu eeraniiru.

Kana gochuufis ulaagaaleen safartuu gahumsaa sanadaan qophaa’ee qaamolee dhimmicha keessaa qooda qaban wajjin erga gabbatanii booda seera ta’uun hojii irra akka oolan minister deetaan kun ibsaniiru. Dameewwan ogummaa isaan ilaallatu akkasumas qaamolee adda addaa hirmaachisuudhaan sanada qophaa’e irratti madaalliin erga taasifamee booda gara mana maree ministirootaatti akka ergamu ibsameera.

Mana maree ministirootaatiin erga murteen itti kennamee booda; qaamni kamiyyuu akkuma barbaadetti an dhaabbata muuziqaa, kan fakkii yookaan kan damee hogbarruu kanaati jechuun akka hafu Nafiisaan eeraniiru. Yeroo hanga ammaatti jiruun dhaabbilee ogummaa gahumsa qabaachuu isaanii sirni mirkaneessu hinturre kan jedhan Nafiisaan; kana booda garuu hojiin kana furu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

“Kan kitaaba tokko barreesses ta’ee kan kitaaba 20 barreesse barreessa jedhamaa jira” kan jedhan minister deetaan kun; sirni mirkaneessuu kun wayita hojii irra oolu namni tokko barreessaa jedhamuuf ulaagaalee maal maal guutuu akka qabu ifatti tumama jedhan.

Adeemsi dameewwan ogummaa hogbarruu adeemsaan walfakkaatu akka jiraatu kan ibsame yoo ta’u; ogeeyyiidhaaf sadarkaan mirkaneessa ogummaa jalqabaa hanga olaanaatti jiru kan kennamuuf ta’uun ibsameera. Kunis haamilee ogeeyyii kanaan duraa eeguuf akka gargaaru minister-deetaa Nafiisaan dubbataniiru. Dabalataanis namni kamiyyuu akka barbaadetti ofii isaa ogeessa of gochuun of waamuu isaa akka hambisuu fi biyyattiinis faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee kana irraa argattu eegsisuuf akka mijatu eeraniiru.

Ministeerri aadaa fi ispoortii bara bajataa jalqabame kanatti karoora kana milkeessu akka qabuu fi sanada qopheessuun gara sirna mirkaneessuutti seenuuf qophii irran jira jedheera. Sirna mirkaneessa dhaabbileetti fufuun hojii irra ni oola kan jedhame mirkaneessi ogummaa ogeeyyota hogbarruu ogummaa tokko tokko irratti ulaagaalee ogummaa tarreeffamaan kan kaahuu dha jedhameera.

Mirkaneessi ogummaa kun seeraan deeggaramuun erga hojii irra ooluu jalqabee booda; namni bu’ura seeraatiin ulaagicha guutuun raga mirkaneessa ogummaa hinqabne damee kana keessatti ogeessa jedhamuun waamamuu hindanda’u jedhameera.

Bara 2015tti yoo xiqqaate sirni mirkaneessa dhaabbilee ogeeyyii hogbarruu leenjisanii akka xumuramu ibsanii; kana booda dameen hogbarruu seeraan akka qajeelfamu eeran.

Damee kana irratti dhaabbilee fi namoonni dhuunfaan badhaasa adda addaa qopheessan badhaasicha akka qopheessanuuf waajjira ministeerichaa irraa hayyamni akka hinkennaminiif himaniiru. Sirni mirkaneessuu kun wayita diriiru dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa badhaasicha qopheessan hayyamni yoo hinkennamneef badhaasicha kennuu akka hindandeenye ibsameera.

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች