መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiSababa hanqina geejjibaatiin baasii olaanaa fi gaaga’amatti saaxilamuu isaanii imaltoonni dubbatan

Sababa hanqina geejjibaatiin baasii olaanaa fi gaaga’amatti saaxilamuu isaanii imaltoonni dubbatan

Ayyaanaaf magaalaa Finfinnee irraa gara kutaalee biyyattii adda addaatti imaltoonni adeemuu barbaadan sababa hanqina dhiyeessii geejjibaatiin baasii olaanaa fi gaaga’amatti saaxilamuu isaanii Addis Maaledaatti beeksisaniiru.

Gara Dabre Maarqositti imaluuf torban dura irraa jalqabuun tikeeta barbaaddachaa akka jiran kan nutty himan biiroo tikeetii baasii Abbaay naannoo addabaabayii Masqalaatti kan argine Malaakuu Geetaachoo; dursanii tikeetii kutachuuf yoo karoorfatanis akka hinmilkaa’iniif dubbataniiru. Kanaan duras wayita ayyaanotaatti rakkoon wal-fakkaatu akka mudatu yaadachiisanii; yeroo ammaatti gatii boba’aa jiruun walitti dabalamee baasiin geejjibaa olaanaa ta’eera jedhaniiru.

Konkolaattota idileetiin baasii birrii 200 hincaalleen tajaajilamuu utuu qaban dhiyeessiin konkolaataa gahaan sababa hinjirreef faddaaltotaan hanga birrii 800 gaafatamaa jiraachuu dubbataniiru. Barsiifataan konkolaattota ‘baasii addaa’ kan jedhaman muraasa waan ta’aniif imaltoota jiran keessummeessuu akka hindanda’in ibsaniiru.

Biiroowwan ‘baasii addaa’ naannoo bataskaana Isxifaanositti aragamanutti argachuun Addis Maaledaan kan dubbifte imaltoonni biraas yaada wal-fakkaatu kennaniiru. Gara Gondor deemuuf yaadanii Jimmaa ka’uu isaanii kan nutty himan imalaan maqaa isaanii ibsuu hinbarbaanne; erga Finfinnee ga’anii booda gatii madaalamaadhaan konkolaataa argachuu akka hindanda’in; ta’us gatii qaala’een konkolaattonni akka jiran faddaaltonni isaanitti himuu eeran.

Buufataalee deddeebisa uummataa magaalattiitti argamanutti hanqinni konkolaataa akka mul’atu kan mirkaneessite Addis Maaledaan; dhimma kana irratti hoji-raawwachiisaa sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii ministeera geejjibaa fi loojestiiksii Taaxaq Nagaash dubbisteetti. Isaanis tajaajilichi fedha ummata hundaa ni guuta jedhamuu yoo baates; buufataaleen konkolaataa deddeebisa uummataa magaalaa Finfinneetti argaman jahaanuu tajaajila kan kennaa jiran yoo ta’u; waan danda’ame hunda gochuun imaltoota keessummeessuuf yaalamaa jira jedhaniiru.

Weerara TPLF marsaa sadaffaadhaan wal-qabatee humna namaa fi loojestiiksii qaqqabsiisuuf konkolaattonni gara adda waraanaa adeeman jiraachuu kan ibsan Taaxaq; bakka konkolaattota gar asana adeemaniittis konkolaattonni qaxxaamura biyyaa magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila kennan ganama magaalaa keessa erga hojjetanii booda gara magaalota dhiyootti imaltoota akka deddeebisan taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Buufataalee konkolaataatiin alatti konkolaattota gatii idileetiin ol imaltoota kaffalchiisan ilaalchisuun kan gaafataman hooggantichi; tibba ayyaanaatiin duras rakkoo wal-fakkaataan mul’ataa akka ture eeran. Keessumattuu deeggarsi boba’aa erga jalqabamee as poolisii federaalaa waliin tumsuun hojiin too’annaa bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hata’u malee; ammas eeruun isaan bira gahaa jiraachuu ibsuun; qaamolee nageenyaatiin dabalatatti hawaasnis gahee isaa bahuu qaba jedhaniiru. Konkolaattota buufataalee konkolaataatiin alatti namoota imalchiisan eeruu fi karaa seera-qabeessaan akka imalchiisan taasisuun hawaasni baasii fi gaaga’ama hinmalle irraa of baraaruu akka qabu dubbataniiru.

Addis Maaledaan daawannaa taasisteen buufataalee konkolaataatti dhiyeessiin konkolaataa baay’ina imaltootaatiin wal-hingitnne jiraachuu kan mirkaneeffatte yoo ta’u; karaa seeraan alaatiin buufataalee konkolaataatiin alatti konkolaattota gatii geejjiba idilee dacha afuriin gaafatanus argiteetti.


አዲስ ማለዳ Qaammee 5 2014 No 65

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች