መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooTaateewwan siyaasaa fi dinagdee bara 2014

Taateewwan siyaasaa fi dinagdee bara 2014

Barri 2014 bara darbe jedhamee waamamuuf sa’atiiwwan muraasni qofti hafan jireenya hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa lammilee irratti taateewwan keessummaa ta’an hedduun waggaa itti mudatan ta’uu namoonni hedduun dhugaa ba’u.

Abbaan warraa dachee kana irra waggaa 69 jiraadheera jedhan “waggaan kun gonkuma kan irra-deebi’amuu hinqabnee dha; baran ofii koo lubbuun jiraadhettis ta’e kanan waa’ee bara durii dhaga’e keessatti waggaa hamaan akkasii biyya keenya hinmudhanne.

Namni duris inuma wal ajjeesa; Itoophiyaanota taanee garuu sanyiin wayita gurmoofnuu fi wal ajjeefnu inni kun jalqaba keenya. Jireenyi qaala’ee wanti xixiqqaan utuu hinhafin hanga samii kan nurraa fagaate waggaa kanatti. Barri kun waan nutty hinagarsiisin maal qaba?” jechuunis gaafatu.

Shamarree Itsagannat Balaay (maqaan abbaa ishee kan jijjiirame) immoo “bara 2014 gaarii yookaan gadhee kan isa jechisiisu wanti addaa humtuu hinjiru. Akka biyyaatti yoo ilaalle bara darbes, bara duraas, baranas nuti hiyyeeyyii dha. Wanti keenya baay’een isaa jijjiiramni keessatti hinmullanne. Namoonni waggaa kana gadhee addaa taasisuun wayita dubbatan nan dhaga’a; ani garuu kana irratti walii hingalu. Tarii wanti hammaataan waan ana irra hinga’iniif yoo ta’e dogongoreera” jetti.

Siyaasa

Siyaasa Itoophiyaa amma jiru xiinxaluu fi ibsuuf kan ulfaatu ta’uu namoota baay’eetu dubbataa tureera. Bara 2014tti damee siyaasaatiin wantoota olka’anii mul’atan keessaa inni dursu hundeeffama mootummaa haaraa utuu hinta’in hinhafu.

Filannoo jahaffaa biyyaalessaa hordofuun paartiin Badhaadhinaa Fulbaana 24 bara 2014 mootummaa hundeessuu isaatiin; yeroo sanaa asitti jiruuf maqaa Boqonnaa Haaraa jedhu kenneeraaf.

Hedduuwwaniif akka ibsametti baay’inaan kan dubbatameef Boqonnaa Haaraa jechuun dinagdeenis ta’ee siyaasaan; dameewwan hundaan jijjiiramoonni gaggaariin kan itti keessumma’anuu fi biyyis sadarkaa fooyya’e irratti argamuu kan itti dandeessu jechuu dha.

Hata’u malee; taateewwan Boqonnaa Haaraa booda uumaman wabeeffachuun namoonni dubbatan “qoosaa uummatatti qoosamee dha” jechuun isaanii hinhafne.

Waraana kaabaa akkasumas sirna bulchiinsa Adda Diimookiraatawaa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) waliin wal-qabatee hooggantoota adda-duree TPLF uummataa fi mootummaa biratti komii bal’aan itti dhiyaataa ture; dirree siyaasaa bal’isuuf jechuun sababa dhiifamaatiin hiikamuun isaanii ijaa fi gurra uummataatiif tasa ture.

Kun kan ta’e seensa ji’a Amajjiitti yoo ta’u; namoota galmee dura taa’aa garee TPLF gooltummaan itti murtaa’ee Dr. Dabretshiyon jalatti kan eeraman Sibaat Naggaafaa dabalatee hooggantoonni garichaa duraanii hiikamuun isaanii ni yaadatama.

Gochaan kun seeraan ala jedhamuu isaa irra darbee murteewwan siyaasaa irratti hawaasni komii mootummaa waliin maryadhee hinbeeku hinbeeku jedhu akka baay’isu bal’inaan eerama.

Akkasumas; garaagarummaa fi waldhabdee baay’ee sirnaan hiikuun marabbaa biyyaalessaa ni fida jedhamee kan abdatame koomishiiniin marii biyyaalessaa hojii isaa kan ifatti jalqabe walakkeessa ji’a Bitootessaa bara 2014tti ta’uun isaa hindagatamu.

Haala dirreen siyaasaa bal’ateera jedhamuun faallaatti gaazexeessitoonni baay’een kan itti hidhaman; kan namoonni mana isaaniitii ukkaamfamanii itti fuudhamanuu fi guyyoottaniif eessa akka jiran waggaa itti hinbeekamne ture.

Birrii biliyoona 49n masaraan mootummaa ijaaramuuf akka ta’e kan eerames baruma 2014 kanatti ture. Kana malees xiyyeeffannaa guddaa kan hawatee uummanni kan itti hinhirmaatinii fi murtee paartii aangoo qabatee jiruu qofaa akka ta’e kaasuun gaaga’ama hawaasummaa fi siyaasaa hammaataa fiduu akka danda’u kan himamuuf daangaan Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee kan daangeffames baruma 2014 kana keessa ta’eera.

Mootummaan Ameriikaa biyyoota Gammoojii Saaraatii gadi jiraniif kan diriirse carraa ashuuraa maleetiin waggoota digdamaa oliif oomisha adda addaa erguun fayyadamtuu kan turte Itoophiyaan; sababa waraana ammas itti fufee jiruuiin  carraa kana keessaa dhorkamuun ishees taatee waggaa kanaa ta’ee darbeera.

- ይከተሉን -Social Media

Miseensonni Koongireesii Ameriikaa akkasumas badiiwwan Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsaan walqabatanii qaqqabaniif namoota itti gaafatamtoota jedhaman irratti wixinee seeraa qoqqobbii kaa’uuf dandeessisan beeksisuun isaanii ni yaadatama.

“Seera tasgabbii, nagaa fi diimookiraasii Itoophiyaa” maqaa jedhuun wixineen dhiyaate kun utuu raawwatamee hirmaattota waraanichaa irratti seera dirqisiisaa kan kaa’u ture jechuun yaada deeggarsaa kan kennaniin alatti; hawaasni jireenya gadaanaa keessa jiru hojjetee akka hinjiraanne taasisa jechuudhaan mormii bal’aan kan itti taasifames ture. “No more” yookaan “ni gaha” jechuudhaanis warra lixaa irratti duulli mormii yeroo gabaabaafis ta’u waggaa itti taasifame ture.

Ta’us dhiibbaawwan Itoophiyaan bara 2014tti keessummeessite keessaa olaantummaadhaan eeramuu kan danda’u wixinee “HR 6600n” pirezidantiidhaan waan hinmallatteeffaminiif hojii irra utuu hinoolin hafeera.

Taateen barichaa kan biraa diippiloomaasiin walqabatu immoo waggoota sadii dura hariiroo isaanii kan haaromsan walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Ertiraa ture.

Yeroo baay’ee walitti dhufeenyi biyyoota lamaa walitti dhufeenya baaqqee hooggantoota lamaatiin wayita murtaa’u mul’ata. Hariiroo Itoophiyaa fi Ertiraas kanumatti ramaduudhaan; dhaabbatummaa haqabaatu jechuudhaan namoonni baay’een gaafataa turan. Hariiroon biyyoota lamaanii maal fakkaachuu akka qabu dhimma uummanni irratti hinmaryatin ta’uun isaa ifaa dha.

Hata’u malee; walitti hidhamiinsa dhaabbatummaa fi uummataa hanga uumamutti akkuma jiruun yoo itti fufe gaarii yoo ta’es; hariiroon hooggantoota lamaanii ho’a isaa xumuruun gara xumuraa irra ga’eera wayita jedhamus ni dhaga’ama.

Bara kana ji’a Eblaattis jette jettee kana cimsuuf akka ta’uuf Ertiraan waggoota sadan darbaniif hariiroo diipiloomaatiin durfamaa ture sadarkaa isaa gadi-buusuudhaan dhimma raawwachiisaa ishee bakka buufatteetti.

Barri kun waggaa tokko keessatti yeroo waraanni lama itti geggeeffame ta’uu isaatiinis ni erama. Gareen TPLF gooltummaadhaan ramadame qaaxxee waggaa darbe ganna keessa jalqabe itti fufuudhaan naannolee Affaarii fi Amaaraatti waggaa badii bal’aa itti qaqqabsiise ta’uu isaatiin dabalatatti; balaan garichi biyya kana irratti aggaame fashalaa’eera kan itti jedhame duula boqonnaa duraatiin garichi Dabre Siinaa gahuun irra-deebiin gara Maqaleetti deebi’uun yeroo itti dahates ture.

- ይከተሉን -Social Media

Irra-deebiinis hubaatiin inni qaqqabsiise haala hinbayyanatiniin ji’oota shan booda ji’a Hagayyaa torban gara xumuraatti qaaxxee haaraa banuudhaan waraanichi marsaa sadaffaadhaan deebi’ee ka’uun isaa kan hindagatamnee dha.

Akkasumas; Sudaan daangaa Itoophiyaa sarbitee seenuudhaan lafa bal’aa kan itti qabatte; Alshabaab seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif daangaa Itoophiyaa cabsee seenuun waggaa waraana itti banes ni ture. Magaalaa guddoon naannoo Gambeellaas qaaxxeen too’annaa hidhattootaa jala ittiin galuuf turte waggaa itti taasifame ture barri 2014.

Duraan mootummaan federaalaa fi gareen Adda Biliisummaa Uummata Tigiraay waliin maryachuu ni danda’uu laata kan jedhu shakkiin hawaasaa bal’aan yoo tures; booda garuu mootummaan waraanichi karaa nagaatiin akka xumuramuuf jechuudhaan garicha waliin maryachuuf ifatti dubbachuun adeemsa marii jalqabee akka ture ni yaadatama.

Waggaa kanatti gaaffiin naannoo ta’uu bal’inaan kan itti ka’e yoo ta’u; keessumattuu saboota Itoophiyaa kibbaa keessa jiran keessaa baay’ee isaanii biraa gaaffiiwwan ka’aa turaniiru.

Naannoo 12ffaan akka hundaa’uuf mootummaadhaan murteen kennamuu isaatiin alatti; garmaa’insa kilaasteerummaa mootummaa mormuudhaan ofiinan of bulcha jechuun falmataa kan ture uummanni Guraagee mootummaa wajjin dubbii walitti hammeessuun isaa dhimma siyaasaa xumura bara 2014tti mul’atee dha.

Dinagdee

Bara 2014tti damee dinagdeetiinis taateewwan jajjabeessaa akkasumas bifa hammaataa qaban baay’een keessummaa’aniiru.

Keessumattuu kan baay’ee nama dubbachiisee fi qaala’insi jireenyaa waggoota kanaan dura turanitti hinmul’atin jireenya dinagdee fi hawaasummaa lammiiwwanii irratti dhiibbaa hammaataa qaqqabsiiseera. Shaqaxoonni hedduun gatiin isaanii dacha lamaa fi sadii oliin dabaleera. Waggaa kanatti kan uumame waraanni Ruusiyaa fi Yuukireen qaala’insa jireenyaa kan kanaan duraa caalaatti akka hammeesse ni amanama.

- ይከተሉን -Social Media

Simmintoon waggaa duraatti gara birrii 600tti kan gurguramaa ture irraa waggaa kana hanga birrii kuma tokkoo fi 800 ga’eera.

Zayitiinis akkasuma litiriidhaan dacha oliin kan dabale baruma kanatti. Boba’aan sirna deeggarsaa kanaan dura ittiin gurguramaa ture jalaa bahuun liitirri tokko dabalata birrii digdamaa ol kan itti taasifame bara xumuramaa jiru kanatti.

Wiirtuu dinagdee biyya kanaa kan ta’e damee qonnaatiif galtee kan ta’e gatiin xaa’oos haala kanaan dura argamee hinbeekneen kuntaalaan dacha sadiin dabaluun isaa kan beekamuu dha.

Gama biraatiin immoo galiin daldala alaa Itoophiyaa bara bajataa kanatti gara doolaara biliyoona afurii seenuun isaa gaarummaadhaan himameera.

Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa marsaa sadaffaaf guutinsi bishaanii milkaa’inaan xumuramuu; adeemsi ijaarsa hidhichaa waliigalaan dhibbeentaa 88 gahuu akkasumas tarbaayinni lammaffaan humna maddisiisuun bu’aawwan gaggaarii bara kanaa akka turan hindagatamu.

Konkolattonni eleektiriikiidhaan hojjetan kan hojii irra oolan; kutaan daldala biliisaa tokkichii fi inni jalqabaa kan itti hundaa’e akkasumas guddinaa fi qaqqabamummaa baankiitiif shoora kan qaban baankonni dabalataa haaraan kan hojii itti jalqabanii fi dameen baankii gabaa alaatiif banaa akka ta’u waggaa murteen itti kenname ta’ee darbeera.

Piroojeektonni biyyaalessaa gurguddaan ni ijaaramu jechuun bakkeewwan adda addaatti dhakaan bu’uraa ka’amuun kan achumaan hafan ta’uun kan himamu yoo ta’u; waggaa kanas ijaarsa misooma bu’uraalee gurguddaa faayidaa olaanaa qaban jalqabsiisuuf dhakaan bu’uraa wayita kaa’amu mul’ateera.

Gama jireenya hawaasummaatiinis waggichi gaaga’amni baay’een kan itti uumame ta’uu isaatiif waanti baay’een jedhameera. Walitti bu’iinsa bakka adda addaatti uumamuun akkasumas sadarkaa mootummaa fi namoota dhuunfaatti dhimmi seeraa fi sirnaan qajeelfamuu gaaffii keessa seenuu isaa hordofee akka hawaasaatti dudhaawwan gaggaariin baay’een yeroo itti hubaman akka ture namoonni baay’een wayita kaasan ni dhaga’ama.

Taateewwan dogongora tekinooloojii ta’uun isaanii himameefis akkasuma jireenya namoota hedduu gaaga’anii darbuun isaanii utuu hineeramin kan bira darbaman miti. Keessumattuu barattootaa fi maatii barattootaa hedduu kan dallansiise bu’aan qormaata kutaa 12ffaa; akkasumas hattummaa baay’een kan keessatti raawwatame carraan mana jireenyaa waliinii marsaa 14ffaa kana keessatti argamu.

Lammiiwwan biyyoota alaatti jireenya godaansaatiin dararamaa turan baay’een isaanii waggaa guutuu keessumattuu Saa’udii Arabiyaa fi biyyoota giddugaleessa bahaa keessaa as deebi’aniiru.

Waliigalaan waggichi gaaga’amni siyaasaa fi dinagdee hedduun kan itti keessummaa’e dha. Hawaasni akka dhugaa bahuu fi mootummaan akka jedhutti hattummaan (malaammaltummaan) kan hanga yoonaa caalaatti kan itti hammaatee mul’ate; kutaalee biyyattii baay’ee keessatti lammiiwwan nagaan bahanii kan itti hindeebine ta’uun namoota baay’ee biratti hindagatamu. Naannoo Amaaraa keessaa gara Finfinnee hinseentan jedhamuun lammiiwwan ji’ootaaf kan itti rakkatanii fi murtee mootummaattis yeroo itti mufatan ture.

Namoonni baay’een barri kun (2014) warra saanduqa reeffaa gurgaranuuf malee hawaasa biraatiif bara hamaa ture bifa jedhamuun bara akka kanaa deebisee nutty hinfidin wayita jedhan kan dhaga’amuu dha.


አዲስ ማለዳ Qaammee 5 2014 No 65

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች