መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooRakkoowwan furmaata hinargatinii fi qabeenya uummataa qananiif oole

Rakkoowwan furmaata hinargatinii fi qabeenya uummataa qananiif oole

Itoophiyaa keessa rakkoowwan furmaata hinargatinii fi gatii qaalii kaffalchiisuu danda’an hedduutu jiru. Erga barfatee booda furmaanni yoo argameef illee akkuma “waraabessaa darbe sareen dutti” jedhamu sana siruma jijjiiruuf kan carraan hinargamneef dhimmoonni hammaataan guutanii jiru. Kanaaf fakkeenya akka ta’uuf rakkoo sababa waraanaatiin qaqqabe qofa kaasuun ni danda’ama.

Mootummaan, dureeyyonni dhuunfaa, akkasumas dhalattoonni Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan rakkoowwan sababa waraanaatiin uumaman faluuf qooda isaanii gumaachaa akka jiran yoo hinhaalamnes; hubamtoota waraanichaa rakkoo keessaa baasuun kan danda’ame hinfakkaatu.

Mootummaan hawaasa rakkoo waraanni fide kana keessaa baasuuf dursa kennee wantoota hojjechuu qabuun olitti yoo suuta jedhamanii raawwatamanis hanga kana duubatti nu harkisuu dhimmoota hindandeenye irratti xiyyeeffachuun bajata olaanaa wayita ramaduu fi baasii taasisu hubatameera.

Rakkoowwan hawaasummaa biyyaalessaa yeroo namaaf hinkennine hiikuuf dursa kennee hojjechuun hojii dursaa ta’uu utuu qabuu; dhimmoota suutaa fi adeemsaan hojjetamuu danda’an irratti mootummaan xiyyeeffachuun isaa irratti namoonni hedduun wayita komii kaasan ni dhaga’amaa jira.

Dhimmoota komii hedduudhaaf ka’umsa ta’an hedduu keessaa tokko; haaromsa isaatiif birriin biliyoonni 2.2 kan baasii itti ta’e fi Amajjii 15 bara 2014 kan eebbifame gamoo mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ti.

Bara 1957 ijaaramuun isaa kan himamu gamoon mana qopheessaa kun maallaqni olaanaan baasii ta’ee kan haarome; waraana ji’oottan walitti aananuuf lammiiwwan ishee kan lubbuun isaanii jalaa darbe; dinagdeen ishee kan bututee fi rakkoowwan furmaata dheebotan hedduu kan qabdu Itoophiyaa keessatti.

Manni qopheessichaa kan haarome birriin biliyoonni 2.2 baasii ta’uun akka ta’e guyyaa eebbichaatti abbootiin taayitaa argama dubbachuu isaanii dhaabbileen sab-quunnamtii gabaasaa turuun isaanii hindagatamu.

Yaadnii fi komiin hawaasa bal’aa ka’aa ture; qulqullina ykn barbaachisummaa haaromsichaa irratti hinturre. Yaadnii fi komiin kun kan maddan; amma maallaqa kana hunda baasanii gamicha haaromsuu irra rakkoowwan sababa waraanaatiin lammiiwwan mudataniif dursa kennuun hiikuu fi dhimmoota biraa sadarkaa sadarkaan raawwachuun gaarii dha kan jedhu yaada gaarii irraa ti.

Haaromsa mana qopheessichaa ilaalchisee kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee; “kan haaromsine uummata keenyas dabalateetu; yaada duumessa’aa fi wal irraa nu fageessu fi hojmaata badaa irraa fagaannee hawaasa keenya bifa bareedaa fi sadarkaa isaa eeggateen keessummeessuuf kutannoo qabnu kan itti agarsiisnee dha” jedhanii turan.

Dubbiin kantiibattii kun namoota magaalattii keessatti argamanuu fi rakkinichi isaan hinquunnamin kan gammachiise yoo fakkaates; kutaalee hawaasaa sababa waraanichaatiin rakkoowwan baay’eetti saaxilaman giddugaleessa godhachuu hafuun isaa ka’umsa komii namoota hedduu ta’ee mul’ateera.

Haaromeera kan jedhame hawaasa isa kami? Qe’ee fi qabeenyi isaa waraanaan saamamee kan rakkoo keessa jiruudhaa? Sababa ongeetiin gidiraa arguu erga jalqabee kan bubbulee fi paampii bishaaniin harkisan illee argachuu kan dadhabee? Dhaabbileen barnootaa waan barbadaa’aniif barnoota jalqabuuf kan rakkatee? Dawoo dhabee kan daandii irratti kufee? Yookaanis uummata isa kami? Gaaffiiwwanii f komiiwwan jedhan ajandaa dubbii tibba kanaa ti.

Haaromsa mana qopheessichaa ilaalchisuunis kantiibattiin “hojii hojjetame gadi fageenyaa fi wal-xaxummaa isaatiin yoo ilaalle gamoon seena-qabeessi kun deebi’ee ijaarame malee ni haaromeen isa hinibsu” jechuun isaanii dhaga’ameera.

Gamoowwan bara baraan turan ijaaruu fi kan dullooman haaromsuun guddina biyyaatiif murteessaa ta’uun yoo amanames; yeroo kanatti gamoo haaromsuu fi ijaaruun dura “lammiiwwan rakkoo yeroof isaan mudate jalaa ce’uu danda’an ijaaruun” hojii dursi kennamuufii qabu ta’uu namoonni hedduun wayita dubbatan dhaga’ameera.

Gama biraatiin; magaalaa Finfinneetti koorporeeshiinii misooma manneeniitiin lafa isaanii irraa maqaa misoomaatiin erga ka’anii kan waggoota 15 lakkoofsisan; beenyaas ta’ee manni kan isaan hinqaqqabin komachuu isaanii miidyaaleen hawaasummaa adda addaa dubbisiisaniiru.

Akka ibsa namoota hedduu yoo ta’e; komiin isaanii haaromsa mana qopheessaa irratti osoo hintaane rakkoowwan isaanii yeroo hinkennineef dursa argachuu dhabuu isaa ti.
Dhimmoonni furmaata dursaa argachuu qaban maalfaa ti?

Kallattiiwwan biyyattii adda addaatti rakkoowwan furmaata arifachiisaa barbaadan hedduun jiraachuun isaanii enyu jalaayyuu kan dhokate miti. Furmaati akka isaan barbaachisu beekamee mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa yoo tumsanis; dhimmoota arifachiisaa dugda hawaasaa irraa bu’uu didan keessaa kanneen armaan gadii ni eeramu.

- ይከተሉን -Social Media

Naannoo Sumaaleetti sababa ongee uumameetiin namoonni miliyoona 2.2 deeggarsa akka isaan barbaachisu; akkasumas beeladoonni kuma 200 fi kuma 30 ta’an sababa onichaatiin balaa du’aatiif saaxilamuu isaaniijiraattonni dhaabbilee sab-quunnamtii adda addaatti irra-deddeebi’uun ibsaa jiru.

Kan biraa; naannoo waraanichaa kan turan; ammas yoo ta’e waraanni irra-deebiin kan itti baname namoota naannolee Amaaraa fi Affaar jiran; akkasumas naannoo Oromiyaa aanaalee adda addaatti waggoottanii oliif ABO Shaneedhaan qaaxxeen yoo nutti banames gama mootummaatiin furmaanni nuuf hinkennamne lammiiwwan jedhan rakkoo isaanii kaasuun ni danda’ama.

Gama biraatiinis; manni qopheessaa magaalaa Finfinnee haaromfamuun hunda keenyaaf gaarii yoo ta’es dursa furmaanni nuuf kennamuu qaba ture kan jedhan; waggoottan dura lafa isaanii irraa misoomaaf wayita ka’an mootummaan lafa bakka bu’iinsaa akka kennuuf yoo isaan beeksises beenyaa fi mana kan hinargatin; akkasumas carraan manaa isaan qaqqabee manicha ijaaranii guutummaan xumuruu kan dadhabanii fi hanqinni maallaqaa kan isaan mudate; kutaalee hawaasaa asuma magaalaa Finfinnee ti.

Addis Maaledaan kanaan dura qonnaan bultoota koorporeeshiinii misooma manneenii 20/80 jalaa lafti isaanii misoomaaf jedhame wayita fudhatame; mootummaan manicha ijaaree xumuree akka kennuuf bu’uura waadaa seeneetiin waggoottaniif yoo eeggatanis; manni akka isaan hinqaqqabin; kan isaan qaqqabes ijaarsi isaa guutummaan osoo hinxumuramin kan kennameef waan ta’eef ofii isaaniitiin xumuruufis hanqinni maallaqaa waan isaan mudateef mana isaanii karaa seeraan alaatiin namoonni gurguratan akka jiran gabaasaa turuun ishee ni beekama.

Gama waraanichaatiinis; badii fi kisaaraan dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa irra gahe salphaa akka hintaanee fi; deebisaanii bayyanachiisuuf maallaqa biliyoonaan lakkaa’amu akka barbaachisu mootummaan yeroo adda addaatti ibsaa turuun isaa kan dagatamu miti.

Kana waan ta’eef namoota hedduu biratti dubbatamaa kan ture; gama tokkoon ongeedhaan; gama biraatiin sababa beelaa fi waraanaatiin lammiiwwan deeggarsi ariitiidhaa isaan barbaachisu furmaanni osoo hinkennaminiif; mana qopheessaatiif baasii sana hunda baasuun dhimma sirrii ta’uu hafuu ti.

Haaromsi gamoo kun yeroo isaa eeggatee kan hinraawwatamnee fi rakkoowwan dursi kennameefii raawwatamuu qaban dagatamuu kan ibsan qopheessaa olaanaan gaazexaa ‘Baalderaas Le’ewnetenyaa Diimookiraasii’ Geexiyyee Yaalew ti.

Geexiyyeen “bulchiinsi Finfinnee keessa jiru yoomiyyuu Itoophiyaan utuu abidda keessa jirtuu akka waan Jennata keessa jirtuu taasisuudhaan dhiyeessuu barbaada” jechuun turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin yaada isaanii kennaniiru.

- ይከተሉን -Social Media

Finfinnee keessa rakkoowwan baay’eetu jira kan jedhan Geexiyyeen; garuu immoo bulchiinsi magaalaa Finfinnee uummanni haalawwan qananii baay’ee keessa akka darbu taasisee agarsiisuu barbaada kan jedhan yoo ta’u; waliigalaan wayita ilaalamu biyyattiin gadadoo keessa yoo jiraattes; gadadoo sana dhiisee waan gaggaarii qofa yaaduutu irraa mul’ata jechuun dubbataniiru.

Geexiyyeen manni qopheessaa “haaromeera” jedhame bara mooticha HayileSillaasee akka ijaarame yaadachiisanii; gamoowwan bar asana ijaaraman immoo jajjaboo waan ta’aniif manni qopheessichaa wayita haaromu baasii kan hunda baasuun isaaniin hinamansiisne.

Yaada Geexiyyee irraa waliigalaan hubachuun kan danda’ame; manni qopheessichaa haaromuun waan bade osoo hintaane; rakkoowwan biyyaalessaa fi namoomaa dursi kennameefii hojjetamuu qaban utuu jiranii Itoophiyaa dinagdee butute keessa jirtuun baasii kana hunda baasuun sirrii ta’uu hafuu isaa ti.

Mootummaan bajanni dhimmoota qananii adda addaatiif ramadu kan sassaabamu uummata iraa ti kan jedhan Geexiyyeen; yeroon isaa dursinee namoota beela’anii fi waraana keessa jiran kan itti yaadannuu dha malee kan gamoon itti haaromu waan hintaaneef; qabeenyi uummataa qisaasa’aa waan jiruuf callisanii bira darbuu utuu hintaane gaafatamuu qaba jechuudhaan yaada dhuunfaa isaanii kennaniiru.

Wayita kanatti ta’uu kan qabu qananiif kan ta’u gamoo tokko haaromsuudha moo lammiiwwan bu’aa ba’ii du’aa fi jireenyaa keessa jiran gargaaruudha? jechuun kan gaafatan Geexiyyeen; magaalaa Finfinnee keessa hawaasa hedduu nyaata argachuuf rakkatu akka jiru odeeffannoon bulchiinsi magaalaa Finfinnee mataan isaa baase ni agarsiisa jedhan.

Naannoo Sumaaleetti ongeen uumamee yeroo namoonnii fi beeladoonni baay’een deeggarsa itti barbaadan; Wallaggaatti yeroo lammiiwwan hedduun qabeenyi isaanii saamamee itti ajjeefamaa jiran; naannoo Affaaritti sababa waraanaatiin yeroo gargaarsi itti barbaachisu; akkasumas naannoo Amaaraatti immoo waraanni irra-deebiin yeroo itti banamee fi hawaasni itti godaanee jirutti; maallaqa uummata irraa walitti qabame qisaasuu fi “haaromsa gamootiif birrii biliyoona 2.2 baasne” jechuun qoosaa ta’uu ibsan.

Mootummaan hawaasa waraanaan hubameef gargaarsa taasisaan jira yoo jedhes miidhaa qaqqabee wajjin wayita wal biratti ilaalamu gahaa miti kan jedhan Geexiyyeen; sababa waraanichaatiin dhaabbileen barnootaa waan barbadaa’aniif biyya barnoota itti fufsiisuun dadhabametti gamoo haaromsuun hojii yeroo isaa hineegganneedha jedhaniiru.

Addis Maaledaa wajjin turtii kan taasisan Geexiyyeen dhuma irratti baasii olaanaan kun dinagdee biyyattii waraanaan butute caalaatti akka gaaga’amu taasisuun isaa waan hinhafne ta’uu dubbataniiru.

- ይከተሉን -Social Media

Miseensi waldaa ogeeyyii dinagdee Itoophiyaa fi daarikteerri koomunikeeshiinii Dr. Simeenee Beesee gama isaaniitiin; dinagdeen biyyattii keessumattuu waraanaan barbadaa’ee wayita kufetti maallaqa uummataa dhimmoota qananiitiif oolchuun dinagdicha caalaatti gaaga’amaaf akka saaxilu ibsan.

Inumayyuu wayita dinagdeen biyyattii kufee jiru katti; yeroo nagaan jiru; dinagdeen wayita guddatutti; hoji-dhabdummaa fi qaala’insi jireenyaa wayita samii hintuqinitti; akkasumas wayita jireenyi hawaasaa fooyya’ettis yoo ta’e; biyyoota hinguddatin keessatti dhimmoota qananiitiif maallaqa ramaduun fudhatama hinqabu jechuun dabalanii ibsan.

Biyya keenyatti qabeenya haala sirrii hintaaneen qisaasuun akka mul’atu kan eeran ogeessi dinagdee kun; qisaasi kun waajjiraalee mootummaa hunda keessatti kan mul’atu waan ta’eef; ta’uu kan hinqabnee fi dhimma sirraa’uu qabudha jechuun gorsa isaanii qoodaniiru.

Piroojeektonni dursanii jalqabaman yoo jiraatanillee; yerichatti wanti dursi kennamuufii qabu gargaarsa namoomaa; deeggarsa qorichaa; ijaarsa dhabbilee fayyaa fi barnootaa manca’anii ta’uu qaba jedhan.

Dhuma irrattis; gudeedamuu haadholii fi barnoota irraa fagaachuu barattootaatu dhimma dursaa ta’uu qaba kan jedhan ogeessi dinagdee kun; maallaqa haaromsa mana qopheessichaatiif bahe qofa osoo hintaane baasiiwwan qananii kan biraa kana fakkaatan dinagdee biyyaa irratti miidhaa waan qabaniif itti yaadamuu qaba jechuun gorsa ogummaa qoodaniiru.

አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 32

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች